Ibsa Duraa Haala Oromiyaan Keessa Jirtu Ummatni Oromiyaa bara dheeraaf mirga abbaa biyyummaa dhabe deebisee gonfachuuf, bilisummaa diinaan sarbamee deebifachuuf, walumagala hiree ofii murteeffachuuf wareegama qaqqaalii baasaa har’a gahe. Qabsoon bifa jaarmiyaa siyaasan, tokkummaa ummata Oromiyaa tiksuu fi qindoomina qabuun erga hoggansa ABOtiin eegale asillee wareegamni kaffalame hanga hinqabu. Bara 2015 kaasee hirmannaa olaanaa uummata Oromiyaa bal’aan addatti ammo, qabsaawo